Yoo Kiristaana dhugaa taate, waan hundumaa caalaa jaalala Waaqayyoo beekuu qabda. Warri wangeela bishaaniifi hafuuraatiin dhiifama cubbuu isaanii argatanii Yesuusiin akka fayyisaatti beekanii itti amananii jiran fedha Waaqayyoo qabatamaatti beekuu isaan barbaachisa. Jaalala Waaqayyoo gad fageenyaan beekuudhaaf amantoota dhugaa wangeelaa hubatan ta'uu qabu. Jaalalli Waaqayyoo karaa wangeela dhugaa qabatamaadhaafi gadfageenyaanis mul'ata. Waaqayyo jaalala ta'uu Isaa beekuu qabna yoo ta'e, beekumsi keenya kun qabatamaatti jaalala Waaqayyoo isa karaa dhugaa wangeela bishaanifi hafuuraan mul'ate biraa dhufuu qaba. Yoo akkas ta'e qofa dhugaa jaalala Waaqayyootti nama geggeessuu dandeenya.
Akkuma dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffamee jiru, jechi bishaan jedhu Yohaannis cuuphaan cuuphamuu Yesuusiin agarsiisa, dhiigni immoo firdii Inni sababa cubbuu keenya hundumaaf fudhate agarsiisa. Fayyina keenya kan dhugaa nuuf ba'us Hafuura Qulqulluu, bishaaniifi dhiiga (1 Yohaannis 5:8). Waaqayyo karaa bishaanichaa, dhiigichaa fi Hafuura Qulqulluu cubbamoota cubbuu isaaniittii hiika.
Dieser Download kann aus rechtlichen Gründen nur mit Rechnungsadresse in A, B, CY, CZ, D, DK, EW, E, FIN, F, GR, H, IRL, I, LT, L, LR, M, NL, PL, P, R, S, SLO, SK ausgeliefert werden.